وَلَا تُؤْتُوا۟ ٱلسُّفَهَآءَ أَمْوَٰلَكُمُ ٱلَّتِى جَعَلَ ٱللَّهُ لَكُمْ قِيَٰمًا وَٱرْزُقُوهُمْ فِيهَا وَٱكْسُوهُمْ وَقُولُوا۟ لَهُمْ قَوْلًا مَّعْرُوفًا
Oromo Translation - Gali AbaborQabeenyaalee keessan kan Rabbiin dhaabbata (jireenyaa) isiniif taasise gowwootatti hin kenninaa. Ishee irraas soorata isaaniif kennaa; isaan uffisaas, jechoota beekamaas isaaniin jedhaa.