بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱتَّقُوا۟ رَبَّكُمُ ٱلَّذِى خَلَقَكُم مِّن نَّفْسٍ وَٰحِدَةٍ وَخَلَقَ مِنْهَا زَوْجَهَا وَبَثَّ مِنْهُمَا رِجَالًا كَثِيرًا وَنِسَآءً وَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ ٱلَّذِى تَسَآءَلُونَ بِهِۦ وَٱلْأَرْحَامَ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلَيْكُمْ رَقِيبًا
Oromo Translation - Gali AbaborYaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaa, Isa lubbuu takka (Aadam) irraa isin uumee, ishee irraa cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraa dhiirotaafi dubartoota baay’ee tamsaase. Rabbii isa ittiin wal kadhattaniifi firummaa (muruu) sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin to’ataadha.