وَقِيلَ لِلَّذِينَ ٱتَّقَوْا۟ مَاذَآ أَنزَلَ رَبُّكُمْ قَالُوا۟ خَيْرًا لِّلَّذِينَ أَحْسَنُوا۟ فِى هَٰذِهِ ٱلدُّنْيَا حَسَنَةٌ وَلَدَارُ ٱلْـَٔاخِرَةِ خَيْرٌ وَلَنِعْمَ دَارُ ٱلْمُتَّقِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborIsaan (Rabbiin) sodaataniin “Gooftaan keessan (Muhammad irratti) maal buuse?” jedhame, “Gaarii (buuse)” jedhan. Warra toltuu hojjataniif addunyaa kana keessatti (jiruu) gaariitu jira. Manni Aakhiraa immoo irra caalaadha. Gandi warra (Rabbiin) sodaatanii waa tole!