ٱدْعُ إِلَىٰ سَبِيلِ رَبِّكَ بِٱلْحِكْمَةِ وَٱلْمَوْعِظَةِ ٱلْحَسَنَةِ وَجَٰدِلْهُم بِٱلَّتِى هِىَ أَحْسَنُ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِۦ وَهُوَ أَعْلَمُ بِٱلْمُهْتَدِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborGara karaa Gooftaa keetii ogummaafi gorsa bareedaan waami, Ishee (falmii) irra gaarii taateen isaan falmi, Dhugumatti Gooftaan kee nama karaa Isaa irraa jallate ni beekaa. Inni qajeeltotas beekaadha.