لِّلرِّجَالِ نَصِيبٌ مِّمَّا تَرَكَ ٱلْوَٰلِدَانِ وَٱلْأَقْرَبُونَ وَلِلنِّسَآءِ نَصِيبٌ مِّمَّا تَرَكَ ٱلْوَٰلِدَانِ وَٱلْأَقْرَبُونَ مِمَّا قَلَّ مِنْهُ أَوْ كَثُرَ نَصِيبًا مَّفْرُوضًا
Oromo Translation - Gali AbaborDhiirotaaf Waan haadhaa abbaafi firoonni dhiisan irraa qoodatu jira. Dubartootaafis waan haadhaa abbaafi firoonni dhiisan irraa qoodatu jira. Waan isa irraa xiqqaateefi guddate irraas; Qooda murteeffamaa (Rabbiin isa qoodeera).