caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah An-Nisaa, Verse 24

Medina · revelation order 92 · 4:24

وَٱلْمُحْصَنَٰتُ مِنَ ٱلنِّسَآءِ إِلَّا مَا مَلَكَتْ أَيْمَٰنُكُمْ كِتَٰبَ ٱللَّهِ عَلَيْكُمْ وَأُحِلَّ لَكُم مَّا وَرَآءَ ذَٰلِكُمْ أَن تَبْتَغُوا۟ بِأَمْوَٰلِكُم مُّحْصِنِينَ غَيْرَ مُسَٰفِحِينَ فَمَا ٱسْتَمْتَعْتُم بِهِۦ مِنْهُنَّ فَـَٔاتُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ فَرِيضَةً وَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ فِيمَا تَرَٰضَيْتُم بِهِۦ مِنۢ بَعْدِ ٱلْفَرِيضَةِ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborDubartoota irraayis isaan (dhiiraan) tikfaman kan harki keessan dhuunfatte malee (dhorgamaa dha). Heera Rabbiin isin irratti murteesse (qabadhaa)Warra kanneeniin ala jiran of tiksaa sagaagalummaa irraa fagaataa taatanii qabeenya keessaniin barbaaduun isiniif eeyyamameeraIsaan irraa (warra qunnamtii saalaa waliin raawwachuun) ittiin qananiitan mahriiwwan isaanii haala dirqama ta'een isaanii kennaaWaan erga mahriin murtaa’ee booda ittiin wal jaalattan keessa badiin isin irra hin jiruDhugumatti Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70