فَبِمَا نَقْضِهِم مِّيثَٰقَهُمْ وَكُفْرِهِم بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ وَقَتْلِهِمُ ٱلْأَنۢبِيَآءَ بِغَيْرِ حَقٍّ وَقَوْلِهِمْ قُلُوبُنَا غُلْفٌۢ بَلْ طَبَعَ ٱللَّهُ عَلَيْهَا بِكُفْرِهِمْ فَلَا يُؤْمِنُونَ إِلَّا قَلِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborSababa isaan waadaa isaanii diiguutiin, keeyyattoota Rabbiitti kafaruutiin, nabiyyoota haqaan ala ajjeesuu isaaniitiifi “onneen keenya haguugamtee jirti” jechuu isaaniitiin (isaan abaarre). Dhugumatti Rabbiin sababaa kufrii isaaniitiif ishee (onnee isaanii) irratti haguuge; muraasa malee hin amananu.