إِنَّ ٱللَّهَ عِندَهُۥ عِلْمُ ٱلسَّاعَةِ وَيُنَزِّلُ ٱلْغَيْثَ وَيَعْلَمُ مَا فِى ٱلْأَرْحَامِ وَمَا تَدْرِى نَفْسٌ مَّاذَا تَكْسِبُ غَدًا وَمَا تَدْرِى نَفْسٌۢ بِأَىِّ أَرْضٍ تَمُوتُ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌۢ
Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin beekumsi Qiyaamaa Isuma bira jira. Roobas ni buusa; waan gadaamessaalee keessa jirus ni beeka. Lubbuun tokkos waan boru carraaqqattu hin beektu. Lubbuun tokkos dachii kamitti akka duutus hin beektu. Rabbiin beekaa, keessa hubataadha.