لِّلَّهِ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ وَإِن تُبْدُوا۟ مَا فِىٓ أَنفُسِكُمْ أَوْ تُخْفُوهُ يُحَاسِبْكُم بِهِ ٱللَّهُ فَيَغْفِرُ لِمَن يَشَآءُ وَيُعَذِّبُ مَن يَشَآءُ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali AbaborWantoonni samiileefi dachii keessa jiran kan Rabbiiti. Waan lubbuulee teessan keessa jiru yoo ifatti mul’iftan yookiin yoo isa dhoksitan Rabbiin ittiin isin qorata; nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni adaba. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.