caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Baqara, Verse 185

Medina · revelation order 87 · 2:185

شَهْرُ رَمَضَانَ ٱلَّذِىٓ أُنزِلَ فِيهِ ٱلْقُرْءَانُ هُدًى لِّلنَّاسِ وَبَيِّنَٰتٍ مِّنَ ٱلْهُدَىٰ وَٱلْفُرْقَانِ فَمَن شَهِدَ مِنكُمُ ٱلشَّهْرَ فَلْيَصُمْهُ وَمَن كَانَ مَرِيضًا أَوْ عَلَىٰ سَفَرٍ فَعِدَّةٌ مِّنْ أَيَّامٍ أُخَرَ يُرِيدُ ٱللَّهُ بِكُمُ ٱلْيُسْرَ وَلَا يُرِيدُ بِكُمُ ٱلْعُسْرَ وَلِتُكْمِلُوا۟ ٱلْعِدَّةَ وَلِتُكَبِّرُوا۟ ٱللَّهَ عَلَىٰ مَا هَدَىٰكُمْ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(yeroon akkasoomtan dirqama taasifame) Jiia Ramadaanaa isa Qur’aanni -namootaaf qajeelfamaafi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaafi addaan baasaa (haqaafi kijibaa) irraa ta’e- keessa buufameedha. Namni isin irraa ji’a kana dhaqqabe isa haa soomu. Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemsarratti ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira). Rabbiin isiniif laaffisuu fedha, isin irratti jabeessuu hin fedhu. Akka lakkoofsa (guyyaa isin irratti barreeffamee) guuttaniifi, waan isin qajeelcheef irratti akka Rabbiin guddiftaniif, akkasumas akka (Rabbiin) galateeffattaniif jecha (kana goone).
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70