وَلَوْ يُعَجِّلُ ٱللَّهُ لِلنَّاسِ ٱلشَّرَّ ٱسْتِعْجَالَهُم بِٱلْخَيْرِ لَقُضِىَ إِلَيْهِمْ أَجَلُهُمْ فَنَذَرُ ٱلَّذِينَ لَا يَرْجُونَ لِقَآءَنَا فِى طُغْيَٰنِهِمْ يَعْمَهُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborOdoo Rabbiin namaaf akka isaan gaarii (argachuuf) jerjerfatanitti hamtuu isaaniif jerjersee, silaa beellamni (adabbii) isaanii, isaaniif raawwatama ture. Isaan wal ga’ii keenya hin sodaanne, jallina isaanii keessa dhama’oo taasifnee isaan dhiifna.