قُلْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِن كُنتُمْ فِى شَكٍّ مِّن دِينِى فَلَآ أَعْبُدُ ٱلَّذِينَ تَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَلَٰكِنْ أَعْبُدُ ٱللَّهَ ٱلَّذِى يَتَوَفَّىٰكُمْ وَأُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor“Yaa namootaa! Yoo amantii kiyya irraa shakkii keessa taatan, isaan isin Rabbii gaditti gabbartan san ani hin gabbaru; garuu Rabbii isa isin ajjeesun gabbara. Ani mu’uminoota irraa ta’uuttin ajajame” jedhi.