يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تَتَّخِذُوا۟ ٱلْيَهُودَ وَٱلنَّصَٰرَىٰٓ أَوْلِيَآءَ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَآءُ بَعْضٍ وَمَن يَتَوَلَّهُم مِّنكُمْ فَإِنَّهُۥ مِنْهُمْ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Yahuudotaafi Kiristaanotas jaalallee keessoo hin godhatinaa. Gariin isaanii jaalallee gariiti, Isin irraa namni jaalallee isaan godhate, inni isaanuma irraayyi. Dhugumatti, Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.