هُوَ ٱلْحَىُّ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱدْعُوهُ مُخْلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ ٱلْحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborInni jiraataadha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Amantii Isaaf qulqulleessaa Isa kadhaa. Faaruun kan Rabbii, Gooftaa aalama hundaa ta’eeti.