وَنُفِخَ فِى ٱلصُّورِ فَصَعِقَ مَن فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَن فِى ٱلْأَرْضِ إِلَّا مَن شَآءَ ٱللَّهُ ثُمَّ نُفِخَ فِيهِ أُخْرَىٰ فَإِذَا هُمْ قِيَامٌ يَنظُرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborGarrii (Xurumbaa) keessatti ni afuufama. Warri samiilee keessaatiifi warri dachii keessaa hunduu, kaneen Allaahn (hafuu isaanii) fedhe malee, (rifannootaan) ni dhumu. Ergasii yeroo biraas isa keessatti afuufama. Yeroma san isaan dhaabbatanii ilaaloo ta’u.