وَمَا قَدَرُوا۟ ٱللَّهَ حَقَّ قَدْرِهِۦ وَٱلْأَرْضُ جَمِيعًا قَبْضَتُهُۥ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ وَٱلسَّمَٰوَٰتُ مَطْوِيَّٰتٌۢ بِيَمِينِهِۦ سُبْحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشْرِكُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborIsaan Rabbiin guddina isaaf malu hin guddifne. Guyyaa Qiyaamaa dachiin guutuun qabaa Isaa keessa taati; samiileenis mirga Isaatiin maramtuudha. Inni qulqullaa’e; waan isaan Isa waliin gabbaran irraas ol ta’e.