وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ رُسُلًا إِلَىٰ قَوْمِهِمْ فَجَآءُوهُم بِٱلْبَيِّنَٰتِ فَٱنتَقَمْنَا مِنَ ٱلَّذِينَ أَجْرَمُوا۟ وَكَانَ حَقًّا عَلَيْنَا نَصْرُ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, si duras ergamtoota gara ummatoota isaaniitti erginee jirra. Isaanis ragaalee ifa ta’aniin isaanitti dhufanii jiru. Isaan daangaa dabran irraas haaloo bahanne. Mu’uminoota gargaaruun immoo haqa Nurratti ta’eera.