ذَٰلِكَ مِنْ أَنۢبَآءِ ٱلْغَيْبِ نُوحِيهِ إِلَيْكَ وَمَا كُنتَ لَدَيْهِمْ إِذْ يُلْقُونَ أَقْلَٰمَهُمْ أَيُّهُمْ يَكْفُلُ مَرْيَمَ وَمَا كُنتَ لَدَيْهِمْ إِذْ يَخْتَصِمُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborKun oduuwwan fagoo irraa kan Nuti gara keetti isa beeksifnuudha. Yeroo ‘isaanirraa eenyu Maryamiin akka guddisu hixaalee isaanii darban ati isaan bira hin jirtu. Yeroo isaan wal falmanis ati isaan bira hin turre.