وَٱلَّذِينَ إِذَا فَعَلُوا۟ فَٰحِشَةً أَوْ ظَلَمُوٓا۟ أَنفُسَهُمْ ذَكَرُوا۟ ٱللَّهَ فَٱسْتَغْفَرُوا۟ لِذُنُوبِهِمْ وَمَن يَغْفِرُ ٱلذُّنُوبَ إِلَّا ٱللَّهُ وَلَمْ يُصِرُّوا۟ عَلَىٰ مَا فَعَلُوا۟ وَهُمْ يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan) warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuulee isaanii miidhan Rabbiin yaadatanii, badiilee isaaniitiif araarama kadhataniifi Rabbiin malee kan badii araaramu hin jiru, haala (badii ta’uu isaa) beekaniin waan hojjatan irra hin turreedha.