وَأَصْبَحَ ٱلَّذِينَ تَمَنَّوْا۟ مَكَانَهُۥ بِٱلْأَمْسِ يَقُولُونَ وَيْكَأَنَّ ٱللَّهَ يَبْسُطُ ٱلرِّزْقَ لِمَن يَشَآءُ مِنْ عِبَادِهِۦ وَيَقْدِرُ لَوْلَآ أَن مَّنَّ ٱللَّهُ عَلَيْنَا لَخَسَفَ بِنَا وَيْكَأَنَّهُۥ لَا يُفْلِحُ ٱلْكَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kaleessa iddoo isaa hawwan “edaa Rabbiin dhugumatti gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata bal’isee [nama fedhetti] immoo dhiphisa! Odoo Rabbiin ni’imaa Isaa nurratti ooluu baatee, silaa nuun kuta (dhidhimsiisa) ture. Edaa dhugumatti kaafiroonni hin milkaa’anu!” jedhaa bulan.