وَءَامِنُوا۟ بِمَآ أَنزَلْتُ مُصَدِّقًا لِّمَا مَعَكُمْ وَلَا تَكُونُوٓا۟ أَوَّلَ كَافِرٍۭ بِهِۦ وَلَا تَشْتَرُوا۟ بِـَٔايَٰتِى ثَمَنًا قَلِيلًا وَإِيَّٰىَ فَٱتَّقُونِ
Oromo Translation - Gali AbaborWaan Ani buuse kan mirkaneessaa waan isin bira jiruu (Tawraatiifi Injiil) ta’etti amanaa. Jalqaba warra isatti kafaruu hin ta’inaa. aayatoota kiyyaan maallaqa xiqqaa hin bitatinaa. Ana qofa sodaadhaa.