وَإِذَآ أَذَقْنَا ٱلنَّاسَ رَحْمَةً مِّنۢ بَعْدِ ضَرَّآءَ مَسَّتْهُمْ إِذَا لَهُم مَّكْرٌ فِىٓ ءَايَاتِنَا قُلِ ٱللَّهُ أَسْرَعُ مَكْرًا إِنَّ رُسُلَنَا يَكْتُبُونَ مَا تَمْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo namoota erga rakkoon isaan tuqee booda rahmata isaan dhandhamsiifne, yeroma san keeyyattoota keenya keessatti shira baasuun isaaniif ta’aadha. “Rabbitu tooftaatti isaan irra akkaan jarjaraadha” jedhi. Dhugumatti, ergamtoonni keenya (maleykonni) shira isin baaftan ni barreessu.