يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تَقْتُلُوا۟ ٱلصَّيْدَ وَأَنتُمْ حُرُمٌ وَمَن قَتَلَهُۥ مِنكُم مُّتَعَمِّدًا فَجَزَآءٌ مِّثْلُ مَا قَتَلَ مِنَ ٱلنَّعَمِ يَحْكُمُ بِهِۦ ذَوَا عَدْلٍ مِّنكُمْ هَدْيًۢا بَٰلِغَ ٱلْكَعْبَةِ أَوْ كَفَّٰرَةٌ طَعَامُ مَسَٰكِينَ أَوْ عَدْلُ ذَٰلِكَ صِيَامًا لِّيَذُوقَ وَبَالَ أَمْرِهِۦ عَفَا ٱللَّهُ عَمَّا سَلَفَ وَمَنْ عَادَ فَيَنتَقِمُ ٱللَّهُ مِنْهُ وَٱللَّهُ عَزِيزٌ ذُو ٱنتِقَامٍ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! odoo (hajjiifii umraa) hidhattanii jirtanuu bineensa bosonaa hin ajjeesinaa. Namni isin irraa odoo beekuu ajjeese, adabbiin isaa beeylada irraa fakkii waan ajjeeseeti. isinirraa namni haqaa lama isa haamurteessuu. haala wareega taateen kan ka’abaa geeffamtu, yookiin hiyyeeyyii nyaachisuu, yookiin qixxee kanaa soomuudha. (Kunis) akka adabbii hojii isaa dhandhamuufi. Waan (dhorgamuun dura) dabre Rabbiin irra isiniif dabreera. Nama (gara badichaa) deebi’e Rabbiin haaloo irraa ba’ata. Rabbiin injifataa, abbaa haaloo ba’annaati.{1}