إِنَّ ٱلَّذِينَ يَكْفُرُونَ بِٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦ وَيُرِيدُونَ أَن يُفَرِّقُوا۟ بَيْنَ ٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦ وَيَقُولُونَ نُؤْمِنُ بِبَعْضٍ وَنَكْفُرُ بِبَعْضٍ وَيُرِيدُونَ أَن يَتَّخِذُوا۟ بَيْنَ ذَٰلِكَ سَبِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti kafaran, gidduu Rabbiitiifi ergamtoota Isaa adda baasuu fedhan, “garii Isaatti ni amanna; garii Isaatti ni kafarra” jedhan, gidduu sanitti karaa godhachuu fedhan,