قُلْ يَٰعِبَادِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱتَّقُوا۟ رَبَّكُمْ لِلَّذِينَ أَحْسَنُوا۟ فِى هَٰذِهِ ٱلدُّنْيَا حَسَنَةٌ وَأَرْضُ ٱللَّهِ وَٰسِعَةٌ إِنَّمَا يُوَفَّى ٱلصَّٰبِرُونَ أَجْرَهُم بِغَيْرِ حِسَابٍ
Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Yaa gabroota kiyya kan amantan! Gooftaa keessan sodaadhaa. Isaan addunyaa kana keessatti toltuu hojjataniif (Aakhiratti) toltuun (qophaa’ee) jira. Dachiin Rabbii bal’oodha. Warri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.”