أَوَلَمْ يَتَفَكَّرُوا۟ فِىٓ أَنفُسِهِم مَّا خَلَقَ ٱللَّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَآ إِلَّا بِٱلْحَقِّ وَأَجَلٍ مُّسَمًّى وَإِنَّ كَثِيرًا مِّنَ ٱلنَّاسِ بِلِقَآئِ رَبِّهِمْ لَكَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborSila lubbuulema isaanii keessatti hinxiinxallanii? Rabbiin samiileefi dachii, akkasumas wantoota isaan lamaan gidduu jiranu, haqaafi beellama beekamaadhaan malee hin uumne (jechuu hin xiinxallanii?) irra hedduun namootaa qunnamtii Gooftaa isaaniitti kafaroodha.