لَا تَحْسَبَنَّ ٱلَّذِينَ يَفْرَحُونَ بِمَآ أَتَوا۟ وَّيُحِبُّونَ أَن يُحْمَدُوا۟ بِمَا لَمْ يَفْعَلُوا۟ فَلَا تَحْسَبَنَّهُم بِمَفَازَةٍ مِّنَ ٱلْعَذَابِ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborWarra waan hojjatanitti gammadanii, waan hin dalagin irratti galateeffatamuu jaalatan (nagaya bahan) hin sehin; adabbii irraa baraaramuu isaaniis hin sehin. Isaaniif adabbii laalessaatu jira.