إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَأَقَامُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَوُا۟ ٱلزَّكَوٰةَ لَهُمْ أَجْرُهُمْ عِندَ رَبِّهِمْ وَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaannan amananii gaggaariis hojjatanii, salaatas gadi dhaabanii, zakaas kennan, warri sun mindaan isaanii gooftaa isaanii bira isaaniif jira. Sodaanis isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanu.