وَأَوْفُوا۟ بِعَهْدِ ٱللَّهِ إِذَا عَٰهَدتُّمْ وَلَا تَنقُضُوا۟ ٱلْأَيْمَٰنَ بَعْدَ تَوْكِيدِهَا وَقَدْ جَعَلْتُمُ ٱللَّهَ عَلَيْكُمْ كَفِيلًا إِنَّ ٱللَّهَ يَعْلَمُ مَا تَفْعَلُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo waadaa seentan waadaa Rabbii guutaa. Kakuu eega ishee jabeessitanii booda hin diiginaa dhugumatti Rabbiin kan ragaa of irratti gootan taatanii. Dhugumatti Rabbiin waan isin hojjattan ni beekaa.