وَلِلَّهِ غَيْبُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَآ أَمْرُ ٱلسَّاعَةِ إِلَّا كَلَمْحِ ٱلْبَصَرِ أَوْ هُوَ أَقْرَبُ إِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali AbaborIccitiin fagoo samiileefi dachii (hunduu) kan Rabbiiti. Waa’een Qiyaamaa akka libsuu ijaa malee hin taane; yookiin inni isa irra dhihoodha. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.