ٱلَّذِينَ يَنقُضُونَ عَهْدَ ٱللَّهِ مِنۢ بَعْدِ مِيثَٰقِهِۦ وَيَقْطَعُونَ مَآ أَمَرَ ٱللَّهُ بِهِۦٓ أَن يُوصَلَ وَيُفْسِدُونَ فِى ٱلْأَرْضِ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْخَٰسِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] warra waadaa Rabbii erga kakuun jabeessanii booda diiganii, waan (firummaa) Rabbiin fufamuu isaatti ajaje muranii, dachii keessatti badii raawwataniidha. Warri sun hoonga’oon isaanuma.